Isaiah 63:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Kunini eenu, ka dira Bosra ka lafa Edomuti d'ufu? kunini eenu, ka woya diimtu mid'aadu keeyate, irre ufi guddooni deemu? Inni AABBO Waaqa, ka irre namaani baasu qabu, ka d'uga ch'alla dubbatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka Bootsiraa biyya Edomiyaasiitii uffata diimaa uffatee dhufa'aaru kun eennu? ka hunna ufii gudda'aan uffata maalale'ee uffatee deemu kun eennu? «Ka murtii kennu, ka hunna fayyumma'aa qabu ana Rabbi.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ka woyaa diintuu uffatee, biyya Edoomii, qachaa Bozraa irraa dhufiisatti jiru kun eennu? Ka woyaa dansaa uffatee, hunna ifii guddo'oon as dhufiisatti jiru kun eennu? Inni, «Ani, Mootii Waan Maraa ka balchumma'aan dubbatu, ka fayyisiisaaf hunna qabu» jedha.