Isaiah 63:15 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ee AABBO Waaqa, gubbaa fulla atini qulqulloomafi guddinna keetiini teetu, nu ilaali. Atini maanifi nu yaalu didda? Irreeni tante meeti? Naasufi jaalalti tante meeti? Nu inded'ini.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yaa Rabbi! Waandhana! hunninii fi hinaaffaan kee meeti? fedhiin kee mishaanii fi gara laafummaan kee meeti? isaan nu irraa fagaataniiran; hulee woyyu'uu fi mana kee kabajjamaa sami'ii irraa gad nu laali.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ee Mootii Waan Maraa, barcumaa mootumma'aa keeti woyyicha, ka ulfinna qabuu fi ol aanaa irraa ol-gubba'aa gad nu ilaali! Hinaaffa'aa fi hunni teeti meet ree? Gadhi-laafumma'aa fi marartiin teeti nu irraa fagaatteerti.