Isaiah 63:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan jed'u, Anini yayu aka zabibu gosa d'ibi ch'ufa ch'ach'arase, nami tokoleeni ka d'ufe na qarqaare injiru. Anini dallansu tiyyaani worra ch'ach'arase, d'iigi worraleeni woya tiyyati t'it'iniqe balleese.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akkana jedhee deebisa, «Ani hojjuma kiyya orma maraa akka woyini'iititti irra ejjadhe; hennaa ani waan kana godhu banii keessaa ka na woliin ture hin jiru; ani aaree isaan irra ejjadhe; lola kiyyaan isaan butuche; dhiinni isaanii uffatatti na faca'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ani qofii tiyya woynii cunfeera; gosa biyya adda addaa keessaa nami tokkolle na woliin hin jiruuyyu. Ani aarii tiyyaan isaan irra sirbee, mufii tiyyaan isaan butuche; dhiigi isaanii woyaa tiyyatti faffaca'ee, woyaa tiyya halle.