Isaiah 64:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Atini nama gammadaani d'uga gula deeme kara kanke jabeese qaabatu qarqaarta. Ato atini nuti dallantele, nu daba iraa indeebine, hojja ch'ufa inuma tolchina. Ato dallansuuni tante guddo taatele, nu haguma duriti ch'ubbuma gula yaane.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ati worra karaa kee hubatanii fedha kee gammachu'uun raawwatan hin gargaarta; hennaa nu fedha kee raawwachuu dinne garuu ati nuun lolte; eeganaa nu attamiin hafuu dandeenna ree?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati worra hujii sirri'ii gammadaan hujuu fi worra karaa keeti qaabatu qarqaarta. Nuuti cubbuu ittuma waan hunyeef, ati nu irratti mufatte. Maarre nuuti attam fayyuu dandeenna ree?