Isaiah 65:22 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mana nami toko jaare nami d'ibiini iti ingalu; yokhaani oobru nami toko oobre nami d'ibiini inyaatu. Akuma mukhi lafa irati turu, gumiini tiyyaleeni lubbu bulte lafa irati turti, ammalle worri anini fohad'e waan hojate ch'ufa bara heddu iraa gammada.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mana isaan ijaaratan ka biraa itti hin galu; waan isaan dhaaban maraa ormi hin nyaatu; baniin kiyya akka mukaa umurii dheeraa jiraatan; baniin ani filadhe waan itti dadhabanitti bara dheeraa gammadan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Haganaa achi mana isaan ijaarratanu keessa nami dhibiin hin le'u yookiin waan isaan dhaabbatanu nami dhibiin hin nyaatu. Kolbaan tiyya akka mukaa bara dheeraa hin leeti. Worri ani filadhelle waan harka ifiitiin hujanetti bara dheeraa hin gammadan.