Isaiah 66:14 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojja waan kana ka tahe gartani, gammaddani fayyaafi jabeenna argattani. Duuba aka anini, AABBO Waaqi, nama naa saalfatu qarqaare nyaapa kiyyati dallanu, beetani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa wonti kunniin raawwatamu yoo argitan hin burraaxxan; nafti keessan akka margaatitti lalisa; hunni Rabbii tajaajiltoota isaa woliin; aariin isaa garuu worra isa jibban irra akka ta'u hin beekkama.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin tana yennaa dhaggitanu gadhaan keessan hin gammada; lafeen teessanille akka marraa hin bisilti; irreen tiyya tajaajiltoota tiyya woliin akka jirtu hin beekkanti; mufiin tiyya ammoo diinota kiyya irratti hin mudhatti» jedha.