Isaiah 66:17 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan jed'u, worra ufi qulqulleese, aada hamtu waaqoota d'ara tolfate, oobru woyyuti wolgula yae, booyyeefi hantutafi sagale t'uri d'ibi nyaate, muummeeni worra ya d'iaate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akkana jedha, «Worri foon booyye'eetii fi ka hantuutaa, akkasuma namoota waan hamaa battii nyaatan keessaa tokko faanaa deema'aa gara hulee biqiltuu itti dhaabanii deemu'uuf uf fooyaniitii fi adda uf baasan maruu hin badan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa, «Worri addee oorru'uutitti waaqota ifii keessaa tokko waaqonfatiisaaf dhaqee, ka ifi woyyoonsee ifi qulqulleessu, foon booyye'eetii fi foon hantuutaa, waan battiille worri nyaatu adduma tokko hin badan.