Isaiah 66:19 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
aka nami worra gaargalchu anuma beekha. Ammo anini worra nama haga gari lakise, gosafi lafa fago, ta gurra kiyyaafi jabeennaafi guddinna kiyya ind'aagayiniti erga: lafti suni Tarshishi, Libia, Ludi ta nami isii t'iyole ammalle Tubalifi Yavani. Duuba gosa tana keesa worri guddinna kiyya odeesa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani isaan jiddu'utti malkata godha; worra du'a irraa hafan keessaa ani gara worra waan kiyya hin dhageennee, gara worra ulfinna kiyya hin arginee, gara banii gara garaa, gara Tarsesii, gara worra Libaawotaa, gara worra buundhee darbanii, gara worra Liidaawotaa, gara worra Tuubaalii, gara biyya Girikiitii fi gara lafa fagoo bisaaniin marfamtee isaan erga.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani odduu isaaniititti baandiraa hin dhaaba; isaan keessaa worra jiru'uun hafe gara gosa biyya adda addaa: gara kolbaa Tarshiishii, gara kolbaa Fuxii, gara kolbaa Ludii ta guube'een loltuu, gara kolbaa Tubaaliitii fi Yaawaanii, gara kolbaa oddoola fago'oo ka worra gurra kiyya hin dhage'inii yookiin ulfinna kiyya hin dhagginii hin erga; isaan gosa biyya adda addaa oddu'utti ulfinna kiyya hin lassan.