Isaiah 66:20 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri nama gosa teesani ch'ufa gosa d'ibi keesaa galche naa kenna. Duuba fardaafi gaangeefi gaalafi gaarini gaara kiyya qulqullo Yerusalemutini d'ufani, akuma worri Israeli mid'aani Waaqaa baasani miha woyyuti naqe mana Waaqatini d'ufu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan obboleewwan keessan maraa gara gaara woyyicha kiyya ka Yerusaalemitti argamuu farado'oon, konkolaataa fardaatiin, gaarii fardaatiin, gaangiinii fi gaallanitti fe'anii biyya gara garaatii akka kenna'aa godhanii Rabbii isin fidan; worri Israa'elii ka isin fidan kennaa midhaanii haalaan meeshaa qulqullu'utti akka mana woyyicha kiyya ka ana Rabbii ta'uu godhanii fidan, ka waan kana dubbate ana Rabbi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan obboleeyyan ifii ana Mootii Waan Maraatiif kennansa dhikeessiisaaf, gosa biyya adda addaa mara keessaa fardo'oon, garreettaa fardo'oon harkifamuun, garreetta'aan, gaange'ee fi gaalaan gara gaara kiyya woyyicha Yerusaalem keessaa hin fidan; akkuma Israa'elooti kennansa midhaanii meya qulqullu'uun gara Galma kiyya Woyyichaa dhikeessanu, isaanille obboleeyyan ifii tana hin dhikeessan.