Isaiah 66:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami woma fed'u taha. Wonti ch'ufti worraa waan tokotu, ato jibicha korma sorio baasani, yokhaani nama sorio baasanile; ato ilmaani hoola qalani, yokhaani sare morma ch'absanile; ato mid'aani Waaqaa baasani, yokhaani d'iiga booyye d'ibaayu baasanile; ato hit'aana aarsani, yokhaani waan harkaani boch'ani kad'atanile. Worri aada hamtu akana, ta waaqaani kad'atani tana, tolfate iraa gammada.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni sangaa naa qalu akka waan nama ajjeeseeti; namni ciincaa korbeessa hoola'aa naa ciincessu akka nama lum'a saree ufii micciiree cabseeti; namni kennaa midhaanii naa dhiyeessu akka nama dhiiga booyye'ee naa dhiyeessuuti; namni hixaana aarsu akka nama waaqolee tolfamaa waaqeffatuuti; kunniin maruu jireenna waan fedha ufii filatan; lubbuun isaanii waan batti'itti gammada.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Nami korma qalee ciincaa naaf dhikeessu, akka nama, nama ijjeesuu ti; nami hoolee qalee ciincaa naaf dhikeessu, akka nama morma sare'ee cassuu ti; nami kennansa midhaanii naaf dhikeessu, akka nama dhiiga booyye'ee naaf dhikeessuu ti; nami hixaana yaadanno'oo naaf aarsu, akka nama waaqa dharaa waaqonsuu ti. Worri akkasii karaa ifii filatee, battummaa ifiititti gammada.