Isaiah 8:13 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qaabad'a, AABBO Waaqi guddaani anuma, anumati qulqullo, ka isani sodaachu maltani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka woyyoomfachuu isin barbaachisu Ana Rabbii Gooftaa banii maraa calla'a; ka sodaachuu isin barbaachisu anuma; ka hollatu'uufii isin barbaachisullee ana.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade callaan, woyyicha akka te'e qaabadha'a; na callaa sodaadha'a; ana malee womaa isin hin naasisin.