Isaiah 8:22 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
lafale millate, ammo gaargalaafi dukana nama mudamsiiftu, ta worra iti gussani male, woma inargu. Karaani worri gaargala kana dura baqate bahuuni injiru.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achii gara lafaa laalan; wonti isaan arganillee rakkinna, dukkanaa fi hurrii nama sodaachisu calla'a; gara dukkana jimi'ii gataman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba gara lafaa yennaa ilaalanu rakkoo, dukkanaa fi dimimmisa sodaachittu qofa dhaggan; isaan dukkana dimma san keessalle'etti hin gataman.