Isaiah 9:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lafa gosa Zabulonitifi ta Naftali duri ya ch'eersani, ammo takaa tana lafti suni saadu argatti, haga galaana Gudda ilaboruuti fuud'ani galaana Yordani gama kaaniti d'aabani ammalle haga Galilayale, fulla gochiti d'ibiini teetu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri armaan dura rakkata'aa turan garuu deebi'anii hin rakkatan. Bara durii biyyi Zaabilooniitii fi biyyi Niftaalemii salphattee jiraata'aa turte; bara maayi'ii garuu worri Yihuudii hin taane ka galaana Meditiraaniyaani'iitiin gara baya biiftu'uutii jalqabee haga galaana Yoordaanosiitiin gamatti quphatanii jiran worri biyya Galiila'aa ulfinna argatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri guddoo rakkataa ture haganaa achi, dukkana dimimmisa keessa hin le'u. Bara durii inni lafa Zabilooniitii fi Niftaalemii salphise; bara hegerii ammoo inni lafa laga Yordaanosiin gamaa, ta karaa abbaaya'aa biraa, Galiilaa worra Yihudoota hin te'iniitiif ulfinna hin kenna.