Isaiah 9:17 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi AABBO Waaqi kaima tokole fiigu d'owu dide, nad'eeni hiyyeeyifi ilmaani hiyyeeyile nahu dida; wonti akanatiifi gumiini tokoleeni Waaqa imbeetu, waan hamtu tolchite hameenna ch'alla dubbatti. Ato akasile taate, dallansuuni AABBO Waaqaa isa ira ingaltu, inni harka d'eerefate ammalle worra d'aanuu fed'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu Gooftaan dargaggeeyyi'itti hin gammadu; worra abbaa hin qabnee fi haadha hiyyeeyyi'iitii garaa hin laafu; maruu ka sodaa Rabbii hin qabnee fi worra hammeenna hojjatu; afaan nama maraatuu waan jecha balfamaa dubbatuuf. kun maruu ta'ee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; harki isaallee akkuma hiixatametti jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan marti worra Waaqa malee le'uu fi waan hantuu huju; marti isaaniituu waan hantuu dubbatan; tanaaf Mootiin Waan Maraa dargaggoota isaaniititti hin gammadu; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanneef, haadhotii hiyyeessotaatiifille hin mararu; tun marti teetulle inni aarii ifii hin caffanne; harki isaa akkuma ol fudhatametti jira.