Isaiah 9:7 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jabeenni inni namaani fidu inhobau, lafti inni fidu yo ch'ufa nagaya qabdi. Inni barch'uma Daudi, ka hayyuma, ira tae nama fida; inni d'ugaafi qajeelumaani nama fida, haga ammatiifi haga hegerile. AABBO Waaqi guddaani waan suni guutu male illakisu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Badhinni mootummaa isaa; guddinni nagaya isaa daangaa hin qabu; ammaa jalqabee haga bara baraa mootummaa ufii haqaa fi balchumma'aan hundeessa; irkisee qabee jabeessa; teessoo Daawitii irra taa'a; biyya maraa hin bulcha; hinaaffaa Rabbii Gooftaa banii maraatitu kana godha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Baalliin isaatii fi nageenni isaa dhuma hin qabanu; inni barcumaa mootummaa Daawitii irra tee'ee, mootummaa isaa hin bulcha; haqaa fi balchumma'aan dhaabee, ammaan jalqabee haga bara baraatitti isii hin jabeessa; hinaaffaan Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee, tana hin gooti.