James 1:10 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Durummaalle akkuma daraara'aa waan dabartuuf, obboleessi dureessille yoo Waaqi isa gad qabe ifi jajuu ti!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
oboleesi dureesileeni ha akasuma tolchu, yo Waaqi wo d'owe. Wonti akanatiifi dureesi aka daraara buuyo goga.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Obboleessii dureessiilleen waan akkuma daraaraa buuyyoo dabruuf, yo Waaqii wa dhowwee, gad qabee ha gammaduutii!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dureessi yoo gad uf qabe haa boonuu; Qabeennillee akka daraaraa margaa waan lufuuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dureessi yoo gadi uf qabe, haa boonuu. Qabeennillee akka daraaraa margaa waan lufuuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Qabeenni namaa akka abaaboo margaa titti waan harca'uuf, obboleessa jireenna isaatiin ol jedhe, Waaqinni jireennaan isaatii gad yoo isa qabe'llee haa gammadu,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Durummaalle akkuma daraara'aa waan dabartuuf, obboleessi dureessille yoo Waaqi isa gad qabe ifi jajuu ti!