James 1:17 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Arjummaa dansa'aa fi kennansi mijuun mara abbaa ifa ol-gubba'aa dade, ka akka gaaddisaa garagaggaliis yookiin jijjiiramiis bira hin jirre biraa dhufa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Galati dansaani ka namaa kennanifi ka namaa baasani ch'ufti gubba gadi d'ufa, fulla Waaqa, ka ifsa gubba uume. Inni injijiramu yokhaani garingalu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Kenniisii dansaan namaa kennaanii fi bultiin dansaan achi hinaafin namaa kennaniilleen cuftii Waaqaa ibsee gubbaa uumee ka akka gaadisa galgalaa fi ganamaa hinjijjiiramne biraa gubbaa gaddhufa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kennaan mishaan, eebbii guutuun maruu olii dhufa. Kennaan mishaan, kennaan mudaa hin qabne cuftinuu abbaa ifaa akka gaaddidduu hin jijjiiramne san biraa gubba'aa gad bu'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kennaan mishaan, eebbii guutuun maruu olii dhufa. Kennaan mishaan, kennaan mudaa hin qabne cuftinuu abbaa ifaa akka gaaddidduu hin jijjiiramne san biraa gubba'aa gad-bu'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kennaan misha'aa fi eebbi muda maleessi marrinuu Waaqa Abbaa biraayyi, kun'llee ka dhufu akka gaaddisaa dedeebi'uun yookiin jijjiiramuu ka hin qabnne Abbaa ifaa, Waaqa Abbaa biraayyi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Arjummaa dansa'aa fi kennansi mijuun mara abbaa ifa ol-gubba'aa dade, ka akka gaaddisaa garagaggaliis yookiin jijjiiramiis bira hin jirre biraa dhufa.