James 1:21 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaaf battumma'aa fi bacatiisa hammeennaa mara ifi irraa balleessa'a; jecha lubbuu teessan fayyisiisaaf hunna qabu, ka isin keessatti dhaabame san gadhi laafumma'aan fudhadha'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Adaba t'uritiifi huji hamtu ch'ufa lagad'a. Dubbi garaa keesani keesati fach'aasani, ta dandeete lubbu teesani baaftu, kara laanatiini fud'ad'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adabaa xuritii fi hujii hamtuu cufaa lagadhaa! Dubbii garaa keessan keessaatti facaasan, ta dandeetee lubbuu teessan baaftu, karaa laanatiin fudhadhaa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu battummaa maraaf hammeenna baay'ee uf keessaa balleessa'aatii dubbii Rabbii ka keessa keessanitti dhaabamee lubbuu keessan fayyisuu danda'u fayyaalumma'aan fudhadhaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaafuu battummaa maraaf hammeenna baayi'ee uf keessaa balleessa'aatii ka keessa keessaniitti dhaabamee lubbuu keessan fayyisuu danda'u, dubbii Rabbii fayyaalumma'aan fudhadhaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf battumma'aa fi baayi'inna hammeennaa maraa dhabamisiifttanii, Waaqinni onnee teessan keessatti ka dhaabee fi dubbii lubbuu teessan fayyisu'uuf danda'u mataa gad qabataan fudhadhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf battumma'aa fi bacatiisa hammeennaa mara ifi irraa balleessa'a; jecha lubbuu teessan fayyisiisaaf hunna qabu, ka isin keessatti dhaabame san gadhi laafumma'aan fudhadha'a.