James 1:25 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ammoo nami Seera Waaqaa ka dhidhinna hin qanne, ka bilisa baasu hubatee ilaalu, ka ittille ossatu, ka dhage'ee hujii irra oolchuu fi ka hin deene hujii ifiitiin ka eebbifame hin te'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo nami seera qit'e ka nama balchoomsu jabeese, ilaale, ch'aqase, ded'u dide ammo guutu, nama suni Waaqi waan ch'ufa keesati ineebisaafi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo nama seera qixxee ka nama balchoomsu jabeessee, laalee, caqasee dedhuu didee guutuu, nama sun Waaqii waan cufaa keessaatti ineebbisa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo seera wolaba isa baasu laalee huji'itti jabaatee ka hojjatu malee, dhagayee ka hin irraanfanne yoo ta'e huji'iin ka eebbifame ta'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo seera wolaba isa baasu laalee huji'itti jabaatee ka hojjatu malee, dhagayee ka hin irraanfanne yoo ta'e huji'iin ka eebbifame ta'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu bilisa ka baasu seera muda maleessa qoratee isaan jabaatee ka dhaabatu, isa'llee dhagayee dagachuu uduu hin ta'in hujii irra naminni oolichu, hujii isaatiin ka eebbifame ni ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammoo nami Seera Waaqaa ka dhidhinna hin qanne, ka bilisa baasu hubatee ilaalu, ka ittille ossatu, ka dhage'ee hujii irra oolchuu fi ka hin deene hujii ifiitiin ka eebbifame hin te'a.