James 1:26 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nami, nama dhugeeffannaa qabu ifi seyee, arraba ifii hin eeganne ammoo ifi soba malee, dhugeeffannaan isaa gatii hin qaddu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami nama aada guutu ufi sehu eennu? Yo inni araba ufi intissine, inni ufi sobe, aadaani isaa woma imbaatu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii nama aadaa guutuu ufi sehuu eennu? Inni yo arraba ufi hintissine, ufi sobe, aadaan isaa homaa hinbaatuu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namni arraba ufii uduu hin eenne onnee ufiitiin dogoggora'aa waan Rabbiin waaqeffatu fakkaatu eennullee yoo jiraate, waaqeffannaan isaa duwwa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namni arraba ufii uduu hin eenne, onnee ufiitiin dogoggora'aa waan Rabbiin kaddaamu fakkaatu eennullee yoo jiraate, kaddaamuun isaa duwwa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Arraba isaa uduu hin toowatin Waaqa ni waaqeffadha naminni jedhu, ufi ni soba, waaqeffannaan isaa'llee tasa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami, nama dhugeeffannaa qabu ifi seyee, arraba ifii hin eeganne ammoo ifi soba malee, dhugeeffannaan isaa gatii hin qaddu.