James 1:27 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Waaqa Abbaa duratti dhugeeffaannaan qullitti'ii fi xurii hin qanne tana: rakkinna ijoollee abba'aa fi haadha hin qannee, dubartoota abbaan manaa irraa du'eelle gargaaraa, xurii biyya lafaa irralle'ee ifi eeggachu'u.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aadaani Aabbo Waaqi d'ugaafi qajeeltu jed'u tana: aka ijoolle abbaafi haad'a inqamneefi nad'eeni d'iirsi iraa due qorqoratani, ufile hameenna lafa iraa ufi d'owani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Aadaan Aabbo Waaqii dhugaa fi qajeeltu jedhu tana: akka ijoollee haadhaa abbaa hinqamnee fi nadheen dhiirsii irraa du'ee isaani keessatti qorqoratanii, ufiillee hammeenna lafaa irraa dhowan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waaqeffannaan qulqulluu ta'e, Rabbii Abbaa biratti ka mudaa hin qabne kana. Ijoollee abba'aa haadha hin qabnee fi dubartoota abbaan manaa irraa du'e gargaara'aa hamaa biyya lafaa irraa uf eeggachu'u.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kaddaamuun qulqulluu ta'e, Rabbii Abbaa biratti ka mudaa hin qabne kana. Ijoollee abbaa haadha hin qabnee fi dubartoota abbaan manaa irraa du'e gargaara'aa hamaa biyya lafaa irraa uf eeggachu'u.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqa Abbaa duranatti qulqullu'uu fi amantii hin battaayin, «Ijoollee Abba'aa fi haati jalaa du'an, akkuma kana dubarttoota abbootiin worraa isaanii jalaa du'an rakkinna isaaniitiin isaan gargaaruu, mataa ufi'llee battaayinna biyya lafaa irraa eegu'u.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqa Abbaa duratti dhugeeffannaan qullitti'ii fi xurii hin qanne tana: rakkinna ijoollee abba'aa fi haadha hin qannee, dubartoota abbaan manaa irraa du'eelle gargaaraa, xurii biyya lafaa irralle'ee ifi eeggachu'u.