James 1:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Haga muumme'ee ciniinnattanee ossiis keessan worra bilchaatee fi guutuu te'e, ka dhidhinna hin qanne akka teetanu isin gootuu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo qorqorad'a aka obsi suni aka dansa huji ufi guute, isani qit'ooftani woma imfitanne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo akka obsii sun akka dansaa hujii ufii guutee, isan warra qixxaa'ee homaa irraa hinirdhanne ta'uu maltan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin worra ciniinnattan, worra obsi keessan bilchaatee fi worra guutuu ta'e, worra dhidhinna hin qabne akka taatan isin taasisa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin worra ciniinnattan, worra obsi keessan bilchaateef guutuu ta'e, worra dhidhina hin qabne akka taatan isin taasisa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Obissaan jabaattanii dhaabachuun keessaniin womaa isinitti uduu hin dhidhatin muda maleeyyi'ii fi guutuu akka taataniin ka isin gayu haa ta'u, isin irraa uduu hin dhidhatin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Haga muumme'ee ciniinnattanee ossiis keessan worra bilchaatee fi guutuu te'e, ka dhidhinna hin qanne akka teetanu isin gootuu ti.