James 1:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nami isin keessaa qarummaan dhidhatte yoo jiraate, Waaqa nama maraaf arjumma'aa fi komii malee kennu kadhatuu ti! Innille isaaf hin kenna.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo nami tokoleeni isani keesa beekha d'abe, ha Waaqa kad'atu, duuba Waaqi naaso, hifacha male waan ch'ufa namaa kenna.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isan keessaa namii tokkolleen yo qarooma dhabee, ha Waaqaa kadhatuu! Duuba Waaqii naasoo, hifachaa malee waan cufaa namaa kennaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin keessaa namni ogummaa hin qabne, uduu hin komatin Rabbii arjumma'aan maraafuu kennu haa kadhatuu. Isaa hin kennamaa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin keessaa namni ogummaa hin qabne, uduu hin komatin Rabbii arjumma'aan maraafuu kennu haa kadhatuu. Isaa hin kennamaa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isin keessaa naminni ogummaan itti dhidhate yoo jiraate Waaqa haa kadhatu, Waaqinni'llee ni kennaaf, inni'llee womaa uduu garaa isa hin hanqatin maraafuu arjoomaan Waaqa arjjaa kennu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami isin keessaa qarummaan dhidhatte yoo jiraate, Waaqa nama maraaf arjumma'aa fi komii malee kennu gaafatuu ti! Innille isaaf hin kenna.