James 1:6 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ammoo adoo hin mamin dhugeeffanna'aan kadhatuu ti; nami mamu akka danbalii abbaayaa guddo'oo ta qilleensaan asii fi achi darbantuu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo kad'ate inni d'ugefachu male, diqole rinch'ich'u himmalle; wonti akanatiifi nami rinch'ich'u ch'ufti aka d'awa galaana ka bubbeeni d'ooftu jira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nami kadhate dhugeeffachuu male, diqqoollee mamuu himmallee; wantii akkanatiif namii mamuu cuftii akka dhawwa galaanaa ka bubbee asii achi dhooftuu jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin keessaa eennullee womaa uduu hin mamne amanti'iin haa kadhatuu. Namni shakku nama bubbee dambalii galaanaatiin dhiibamee socho'u fakkaata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin keessaa eennullee womaa uduu hin mamne amanta'aan haa kadhatuu. Namni shakku nama bubbee danbalii galaanaatiin dhiibamee socho'u fakkaata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu naminni womaa uduu hin shakkin amanti'iin haa kadhatu, naminni shakku bubbe'een ka dhiibamuu fi danbalii raafamu ka garba ciisa'aa ni fakkaata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammoo adoo hin mamin dhugeeffanna'aan gaafatuu ti; nami mamu akka danbalii abbaaya'aa ta qilleensaan asii fi achi darbantuu ti.