James 2:12 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akka worra seera bilisummaa kennu duratti dhikaatee muraa dhaggatuu dubbadha'a, hujadhaalle'e.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan dubbattanifu waan tolchitani keesa, akuma nama seeri nama balchoomsu qoru taha.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan dubbattanii fi waan tolchitaniillee keessaatti akkuma nama seera balchoomaatiin qoramee murtii argatuu ta'a!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akka worra seera wolabummaa kennu afo'otti dhiyaattanii murtii argattanitti dubbadhaa'a; hojjadhalle'e.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akka worra seera wolabummaa kennu afo'otti dhiyaattanii murtii argattanitti dubadha'a, hojjadhalle'e.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Seera bilisummaa argamissiisu duranatti dhiyaatanii akka namoota murtii argatanii titti dubbadhaa, akkuma kana'llee hojjadhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akka worra seera bilisummaa kennu duratti dhikaatee muraa dhaggatuu dubbadha'a, hujadhaalle'e.