James 2:19 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ati Waaqi tokkochi akka jiru hin dhugeeffatta; dansaa goote! Durriisotille tana hin dhugeessan, sodaataneelle hin hollatan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aka Waaqi toko ya d'ugefatte? Guddo dansa. Ilaali, jinnileeni ind'ugefatti, ammalle sodaatte holatti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka Waaqii tokkoo ya dhugeeffattee? Guddoo dansaa! Isa jinniinuu indhugeeffatti, ammallee sodaatteetti hollatti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi akka tokko ta'e ati hin amanta. Waan mishaa garuu jinniinillee akkasuma hin amana; hin sodaata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Rabbi akka tokko ta'e ati hin amanta. Mishaa goote jinniinillee akkasuma hin amana; hin sodaata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ati, «Waaqinni tokkochi jira» jettee ni amantta, kun'llee misha'a, amanuu ammoo jinniiwwan'llee ni amanan, soda'aan'llee ni hollatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati Waaqi tokkochi akka jiru hin dhugeeffatta; dansaa goote! Durriisotille tana hin dhugeessan, sodaataneelle hin hollatan.