James 2:22 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaan dhugeeffannaan isaa hujii isaa woliin hujataa akka turte, dhugeeffannaalle huji'iin akka muummotte hin dhaggituu?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aka d'ugefachaafi hujiini dansaani inni hojate woljabeesite, d'ugefachaani isaa hujiini qit'oofte inargitaayu?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Akka dhugeeffachaa fi hujiin dansaan innii hojjate waljabeessitee, dhugeeffachaan isaa hujiin qixooftee inargitaayyuu?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Amantiin hujii woliin akka wol gargaara'aa ture, amanti'iin hujiin akka raawwatame argitaa?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Amantaan hujii woliin akka wol gargaara'aa ture, amanta'aan hujiin akka raawwatame argitaa?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf amantiin hujiin woli'iin wolii akka turee fi amantiin'llee huji'iin muda maleessa akka ta'e, ni argitaa ree hin?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaan dhugeeffannaan isaa hujii isaa woliin hujataa akka turte, dhugeeffannaalle huji'iin akka muummotte hin dhaggituu?