James 2:23 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Barreeffam Woyyichi, “Abrahaam Waaqa dhugeeffate, dhugeeffannaan isaalle balchumma'atti laakkowante” jedhu muummoye; innille jaala Waaqaa jedhame.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
T'aafiini ta, Abrahamuuni Waaqa d'ugefate, duuba maro d'ugefacha isatiifi d'uga isaa heregani jettu ya guutamte. Waaqileeni, Jaala kiyya isaani jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Barreessiin ta, “Abrahaam Waaqaa dhugeeffateetti, dhugeeffachaa isaa qajeelumaati herreganiif” jettu ya guutamte. Waaqiilleen, “Jaala kiyya isaan” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kitaabni, «Abrahaamillee Rabbitti amanee qajeellummaa ta'ee laakkayameef» ka jedhe raawwatamee jaalallo Rabbii jedhame.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kitaabni, «Abrahaamillee Rabbitti amanee qajeellummaa ta'ee laakkawameef» ka jedhe raawwatameeti; jaalallo Rabbii jedhame.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kitaaba Qulqulluu keessatti, «Abrahaam Waaqatti ni amane, amantiin isaa'llee qulqullaawoma ta'e ni laakkayameef» dubbiin jedhe ni raawwatame, haala kanaan Abrahaam, waahela jaalalloo Waaqaa ni jedhame.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Barreeffam Woyyichi, «Abrahaam Waaqa dhugeeffate, dhugeeffannaan isaalle balchumma'atti laakkowante» jedhu muummowe; innille jaala Waaqaa jedhame.