James 2:25 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Akkasuma, Rahaabiin sagaagaltittiille yennaa worra Israa'elii ka ergamee dhufe san fudhattee, karaa dhibi'iin akka bayanu goote, hujii ifiitiin balchoontee motii?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Sharmut'itiini Rahabu jed'anileeni akasuma taate. Maro huji isitiifi d'uga argatte, waan isiini ergattu Yahudi bulchite, kara d'ibi galchiteefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Shaarmuxittiin “Rahaab” jedhaniilleen waan warra Yihudii ka dooyaa dhufan sun keessummoomsitee, akka karaa dhibiin galan tolchiteef, marroo hujii dansaa isiitiif qajeeluma argatte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma seebartuun Ra'aab ammo ergamtoota simattee karaa biraatiin hennaa ergite, huji'iin qajeeltuu hin taanee?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasuma seebartuun Ra'aab ammoo ergamoota simattee karaa biraatiin hennaa ergite, huji'iin qajeeltuu hin taanee?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Sagagalittittiin Rahaab ergamoota worra Israa'eelii mana isi'ii titti yeroo simattettii fi karaa biraatiin'llee akka deemaniif yeroo isaan taasfttetti, isiin hujii isi'iitiin qulqullaawomttee hin turree ree?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma, Rahaabiin sagaagaltittiille yennaa worra Israa'elii ka ergamee dhufe san fudhattee, karaa dhibi'iin akka bayanu goote, hujii ifiitiin balchoontee motii?