James 3:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isin keessaa qarichaa fi hubataan eennu? Inni le'ii ifii dansa'aan, waan ifi qad qabiisaa fi qaroomaan hujuun mudhisuu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami qalbi qabu ka wo hubatu jiddu teesani jira? inni ha jireenna dansaafi, huji dansaafi, ufi diqeesitifi, qaroomafi qalbi, aka qabu agarsiisuti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii qalbii qabu ka wa hubatu jidduu teessan jiraa? Innii ha jireenna dansaa, hujii dansaa, ufi diqqeesitii, qaroomaa fi qalbii, akka qabu agarsiisuuti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin keessaa ogeessinii fi hubataan eennu? Jireenni mishaan ogumma'aa fi fayyaalumma'aan hujii ufii haa mudhisuu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin keessaa ogeessinii fi hubataan eennuu? Jireenni mishaan ogumma'aa fi fayyaalumma'aan hujii ufii haa mudhisuu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isin jiddu'uu ogeessaa fi naminni hubattanii eennu? Ogumma'aa fi mataa gad qabataan hujii raawwate, jireenna misha'aan haa mulidhisu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin keessaa qarichaa fi hubataan eennu? Inni le'ii ifii dansa'aan, waan ifi gadi qabiisaa fi qaroomaan hujuun mudhisuu ti.