James 3:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Me hoboloo guddoo ilaala'a! Hoboloon guddoon adoo guddo'ootuu, qilleessa jabaalle'een adoo oofantuu, nami hoboloo oofu shaffisaa diqqaa tokkoon gara fedhe oofa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yokhaani hobolo qaabad'a, isiini waan guddo, ammo mukha diqa tokoti karaati qajeelcha, fulla abbaani fed'u ch'ufa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yokaan mee hoboloo qaabadhaa! Isiin adoo guuddootuu qilleensa guddaan oofamti, ammoo mukaa diqqaa tokkotti gara abbaan fedhuu cufaa karaatti qajeelcha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma markaboonni hagamillee guddaa ta'anii, qilleensaan yoo oofamanillee namichi markaba oofu ooftuu markabaa diqqo'oon gara ufii fedhe oofa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasuma markaboonni hagamillee guddaa ta'anii, qilleensaan yoo oofamanillee namichi oofu gara ufii fedhe ooftu'uun markaba baayi'ee diqqo'oon gara ufii fedhe oofa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dooniin yoma guddaa ta'ee fi bubbee cima'aan ka dhiibamu yoma ta'e'llee, konkolaachisaan dooni'ii dhayata diqqittii ittiin dhayatuun, gara bakka barbaaduu titti ni oofaan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Me hoboloo guddittii ilaala'a! Hoboloon guddoon adoo guddo'ootuu, qilleensa jabaalle'een adoo oofantuu, nami hoboloo oofu shaffisaa diqqaa tokkoon gara fedhe oofa.