James 3:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Arrabille ibidda. Inni qoqoodama nafaa oddu'utti ka dhaggamu, biyya lafaa ta hammeennaa ti; nafa duudii batteessa; akka ibidda qillee ibiddaa keessaa bayuulle ideensa le'ii teennaa duudii hin guba; ifille'eef ibidda qile'eetiin gubata.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Arabi aka ibida jira, lafa hameennati, nafa keenna keesa, arabi waan waan ch'ufa t'ureesaati; ka waan jireenna keenna ch'ufa ibida nartitiini gubu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Arrabii akka ibiddaa jira, lafa hammeennaatti, nafa keenna keessaa, arrabii waan waan cufa xureessaati; ka ufii ibidda qileetiin qabsiifamee, dhaloota cufaatti ibidda qabsiisu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Arrabni ibidda; arrabni qaama nafaa jiddu'utti adunyaa hamtu'u; qaama nafaallee hin batteessiti; foon maraa hin xureessiti; deemsa jireenna keennaa maraa hin gubdi; Ibidda asaabaatittillee hin gubatti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Arrabni ibidda; arrabni qaama nafaa jidu'utti adunyaa hamtu'u; qaama nafaallee hin batteessa; foon maraa hin xureessa; deemsa jireenna keennaa maraa hin guba; Ibidda asaabaatittillee hin gubata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Arrabnni'llee akkuma ibiddaati, arrabinni kutaalee qaamota keennaa jiddu'utti ka argamittu biyya lafaa hamttu'u, qaamnni keenna'llee ni faaltti, akka ibidda asaabaa keessaa bayuu titti'llee adeemissa jireenna keennaa mara ni gubddi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Arrabille ibidda. Inni qoqoodama nafaa oddu'utti ka dhaggamu, biyya lafaa ta hammeennaa ti; nafa duudii batteessa; akka ibidda qilee ibiddaa keessaa bayuulle ideensa le'ii teennaa duudii hin guba; ifille'eef ibidda qile'eetiin gubata.