James 3:7 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nami bineensota adda addaa, simbirroota, bineensota lafa irra lowu, bineensota bisaan keessaa leenjisuu hin dande'a; leenjiseeralle'e.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi bineensa gosa ch'ufatiifi simpirrefi waan lafa ira loha ka bisaani keesa gala ch'ufa illenjisani, ammalle qarayu la lenjisani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii akkanaatiif namii dhaloota isaatiin bineensa gosa cufaa, simphirree, waan lafa irra loo'aa, ka bisaan keessa galaa cufaa inleenjisa, ammallee qaaraayyuu la leenjise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Busaayaa, simbirroonni, worri sosocho'anii fi worra galaana keessa jiraatan, gosoonni uumamaa maruu namaan leenji'aman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Busaayaa, simbirroonni, worri sossochoo'anii fi galaana keessa jiraatan, gosoonni uumamaa maruu namaan leenji'aman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bineensonni arddi'iitii fi sinbirroonni, lafa irra ka harkifatanii fi garba ciisaa keessa ka sosocho'an uumaan marrinuu, namaan leenjifamu'uuf ni danda'an, akkuma kana leenjifamaanii jiran.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami bineensota adda addaa, sinbirroota, bineensota lafa irra lowu, bineensota bisaan keessaa leenjisuu hin dande'a; leenjiseeralle'e.