James 4:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isin worri, “Adha yookiin boru qachaa akkasiitii fi akkasii dhandhee woggaa tokko achi turra, hin daddalanna, bu'aalle keessaa buufanna” jettanu, caqasa'a!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri, Arra yokhaani bori dira toko d'anne, ganna toko achi teenne, daldalle, duroomna, jed'u, na d'agaya.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isan Warrii, “Ardha yokaan bor dira tokko dhandhee, ganna tokko achi teennee, nagaannee, duroomna” jedhu, na dhagayaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ammallee worri, «Adha yookaan boru gara qachaa sanii deemnee woggaa tokko achi jiraanna. Daldalannee bu'aa buufanna» jettan, as laalaa'a!
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ammallee, «Adha yookiin boru gara qachaa sanii deemnee woggaa tokko achi jiraanna. Daldalannee bu'aa buufanna» worri jettan, asi laalaa'a!
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isin, «Adha yookiin boru gara magaalaa akkanaa deeminnee achi'llee woggaa tokkoof ni teenna, daldallee'llee ni buufanna» ka jettan, ufi eeggadhaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin worri, «Adha yookiin boru qachaa akkasiitii fi akkasii dhandhee woggaa tokko achi turra, hin daddalanna, bu'aalle keessaa buufanna» jettanu, caqasa'a!