James 4:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isin waan boru te'u hin beettanu; jiruun teessan maan? Isin akka hurrii yennaa diqqo'oof mudhattee deebitee badduu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani waan jireenna keesani ka bori imbeetani! Wonti akanatiifi isani hurri fakaattani, ta haga diqa toko mullatte duuba baddu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isan waan jireenna keessanii ka borii hinbeettan! Wantii akkanaatiif isan hurrii haga diqqa tokko mullattee duuba baddu fakkaattan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin waan boru ta'u waan hin beenneef, jiruun keessan maali'i? Isin akka hurrii hennaa diqqoo mudhatee baduuti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin waan boru ta'u waan hin beenneef, jiruun keessan maali'ii? Isin akka hurrii hennaa diqqoo mudhatee baduu ti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Boru waan ta'u hin beekittan, lubbuun teessan maali'i? Isin yeroo tokkoof mulidhatee, booda ammoo akka duumessa maa'ii baduuti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin waan boru te'u hin beettanu; jiruun teessan maan? Isin akka hurrii yennaa diqqo'oof mudhattee deebitee badduu ti.