James 4:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Addee san, “Yoo Goottaan jedhee fi yoo jiraanne, kana yookiin san hin goona” jedhuu maltane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti isani jechu maltani tana: Yo Waaqi jed'e, teenneti waan kanaafi suni tolfanna.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Sun biraa: “Yo Waaqii jedhe, teenneetti waan kanaa fi sun tolfanna” jechuu maltan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bikka san, «Yoo Gooftaan jedhee fi yoo jiraanne, kana yookaan san goona» jechuu barbaachisa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bikka san, «Yoo Gooftaan jedhee fi yoo jiraanne, kana yookiin san goona» jechuu barbaachisa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kana irra isin jedhuun ka malu, «Gooftaan yoo eeyyameef yoo jiraanne kana yookiin san ni raawwanna» jechu'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Addee san, «Yoo Goottaan jedhee fi yoo jiraanne, kana yookiin san hin goona» jedhuu maltane.