James 4:3 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa daadimattanulle, gammada foonii irra olchiisaaf, yaada hama'aan waan daadimattanuuf hin dhaggattanu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo kad'attanile inargattani, wonti akanatiifi heregi keesani hama, waan isani gammachiisa ch'alla kad'achu feetani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo kadhattaniillee hinargattan, wantii akkanaatiif herregii keessan hamaa, waan isan gammachiisaa callaa kadhachuu feetan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin waan argattan san hawwii foon keessanii guuttachu'uuf jettanii dharaan waan kadhattaniif hin argattan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin waan argatan san hawwii foon keessanii guutachu'uuf jettanii dharaan waan kadhataniif hin argattan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yoma kadhattan'llee deebii kadhannaa keessan ka hin arganneef, wonitti kadhattan gammachuu foonii irra oolichu'uuf, yaada hama'aan waan kadhattaniif.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa daadimattanulle, gammada foonii irra oolchiisaaf, yaada hama'aan waan daadimattanuuf hin dhaggattanu.