James 4:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Gara Waaqaa dhikaadha'a, innille gara keessan hin dhikaata. Isin cubbaaleyyiin, harka keessan qulqulleeffadha'a. Isin worri yaada lamaa, gadhaa keessan qulleeffadha'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqati d'iaad'a, innileeni isaniti d'iaata. Harka keesani diqad'a, worra daba! Garaa keesani diqad'a, kiyyibdoole!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waaqaatti dhi'aadhaa, inniilleen isaniitti dhi'aataa. Isan warra cubboolleen harka dhiqadhaa! Warrii kiyyibdoolleen garaa keessan qulqulleeffadhaa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gara Rabbii dhiyaadhaa'a, innillee gara keessan dhiyaataa. Isin cubbamtoota harka keessan qulqulleessaa'a. Isinillee worri yaada lama qabdan garaa keessan qulqulleessaa'a
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gara Rabbii dhiyaadhaa'a, innillee gara keessan dhiyaataa. Isin cubbamoota harka keessan qulqulleessaa'a. Isinillee worri yaada lama qabdan garaa keessan qulqulleessaa'a
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gara Waaqaa dhiyaadhaa, inni'llee gara keessan ni dhiyaata, isin yaa cubbamoota! harka keessan qulqulleessaa, isinii hoola! onnee teessan qulqulleessaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gara Waaqaa dhikaadha'a, innille gara keessan hin dhikaata. Isin cubbaaleyyiin, harka keessan qulqulleeffadha'a. Isin worri yaada lamaa, gadhaa keessan qulleeffadha'a.