James 5:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Obboleeyyan tiyya! Waan mara caalaa hin kakatina'a! Ol-gubba'aan yookiin lafaan yookiin waan dhibiille'een hin kakatina'a! “Eetiin” teessan eeti, “Waawwoon” teessan waawwoo teetuu ti. Yoo akkas hin te'in, isinitti hin muranti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ee, oboleyaani tiyya, waan ch'ufaani inkakhatiina, gubbafi lafafi waan tokoleeni inkakhatina. Eetiini teesani ha eeti taatuuti. Hiyyoni teesanileeni ha hiyyo taatuuti, aka qorsuma Waaqa keesa inseenne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ee, obboleeyyaan tiyya, waan cufaan hinkakatinaa, gubbaa, lafaa fi waan tokkolleen hinkakatinaa! Akka murtii Waaqaa keessa hinseennee, “Eetiin” teessan eetii ha taatuutii “Hiyyootiin” teessaniilleen hiyyoo ha taatuutii.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Obboleeyyan tiyya! waa maraa dura ardi'ii fi sami'iin waan biraatiinillee yoo ta'e womaanuu hin kakatinaa'a! Haa ta'uu ammo akka murtii jalatti hin kufne dubbiin keessan yoo ee ta'e, «Ee» jedhaa'a; yoo wa'aa ta'e, «Wa'a» jedhaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Obboleeyyan tiyya, waamaraa dura ardi'ii fi sami'itti waan biraallee yoo ta'e womaanuu hin kakatinaa'a! Haata'uu ammoo murtii jalatti akka hin kufne dubbiin keessan ee yoo ta'e, «Ee» jedhaa'a; wa'a yoo ta'e, «Wa'a» jedhaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa obboleeyyan! waan maraa olitti sami'iin yookiin arddi'iin yookiin waan bira'aa womaanuu hin kakanna, haasofnni keessan eetii yoo ta'e dhugamaanuu eetii haa ta'u, mitii yoo ta'e'llee dhugamaan mitii haa ta'u, akkana ta'uu yoo dhabaate garuu isinitti ni muritteeffama.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleeyyan tiyya! Waan mara caalaa hin kakatina'a! Ol-gubba'aan yookiin lafaan yookiin waan dhibiille'een hin kakatina'a! «Eetiin» teessan eeti, «Waawwoon» teessan waawwoo teetuu ti. Yoo akkas hin te'in, isinitti hin muranti.