James 5:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Odduu teessan nami dhibameeru jiraa? Inni jaarsolee wolde'a kiristaanaa waammatuu ti; isaan maqaa Gootta'aatiin zayitii issanee isaaf daadimatanuu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nama fayya inqamne jira? Ha jaarole gumi Waaqa yaame Waaqa kad'ataniifi, d'ad'a maqa Aabbootiini muudani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii fayyaa hinqamne isan keessa jiraa? Innii ha jaarrolee gumii Waaqaa yaammatee dhadhaa maqaa Aabbootiin muudanii Waaqaa kadhataniifi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin keessaa ka dhukkubsate eennullee yoo jiraate, bulchitoota Woldaa Kiristaanaa gara ufii haa waamatuu; maqaa Goofta'aatiin sayitii ibsanii haa kadhataniifii.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin keessaa ka dhukkubsate eennullee yoo jiraate, bulchitoota Woldaa Kiristaanaa gara ufii haa waamatuu; maqaa Goofta'aatiin zayiti ibsanii haa kadhataniifii.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isin jiddu'uu naminni dhukkubissate yoo jiraate qeesonni woldaya amanti'ii yookiin jaarsotii gara isaa haa waamu, isaan'llee dhibamaa maqaa Gooftaa Yesus Kristositiin zayiitii dibanii, haa kadhataniif.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Odduu teessan nami dhibameeru jiraa? Inni jaarsolee wolde'a kiristaanaa waammatuu ti; isaan maqaa Gootta'aatiin zayitii issanee isaaf daadimatanuu ti.