James 5:16 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaaf akka dhibee irraa fayyitanuuf, cubbuu teessan wolitti himadha'a, woliifille daadimadha'a! Daadimannaan nama balcha'aa hunnaametti'ii fi bu'aa qabeetti'i.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi daba keesani wolti himad'a, Waaqa woli kad'ad'a, aka fayyitani. Kad'achaani nama d'ugaa waan jabdu, guddo wo baati.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf akkka fayyitan cubbuu teessan walti himadhaa, Waaqaa walii kadhadhaa! Kadhachaan nama qajeelaa waan jabduu, guddoo wa baati.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Cubbuu keessan wolitti himadhaa'a; akka fayyitaniifillee tokko ka biraatii haa kadhatuu. Faateen nama qajeela'aa hunna waan qabduuf waan guddaa gooti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Cubbuu keessan wolitti himadhaa'a, akka fayyitaniifillee tokko ka biraatii haa kadhatuu. Faateen nama qajeela'aa hunna waan qabduuf waan guddaa gooti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf akka fayyitaniif cubbuu keessan ufii keessan wolitti himadhaa, tokkoon tokkoon'llee ka bira'aatiif haa kadhatu, kadhannaan nama Qulqullu'uu bu'aa baayi'ee ka argamissiisu, huminna ol aanaa ni qaba,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf akka dhibee irraa fayyitanuuf, cubbuu teessan wolitti himadha'a, woliifille daadimadha'a! Daadimannaan nama balcha'aa hunnaametti'ii fi bu'aa qabeetti'i.