James 5:17 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Eliyaas namuma akka keennaatiiyyu; akka bokkeenni hin roonne yennaa jabeesse daadimate, woggaa sadii fi ji'a jaa lafa sanitti bokkeenni hin roonne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eliyaleeni duri namuma aka keennaati. Inni guddise Waaqa kad'ate, aka bokeeni imbuune, tanaafi ganna sadifi jia jaa bokeeni buu dide.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eliyaasiilleen durii namuma akka keennaati. Innii akka bokkeennii hinbuune guddisee Waaqaa kadhatee jennaan, ganna sadii fi ji'a ja'a bokkeenii bu'u dide.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eliyaas namuma akka keennaa ture, akka Roobni hin roobne jabeessee Rabbiin kadhate. Biyya lafaa irratti woggaa sadihii fi ji'a jahaa hin roobne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eliyaas namuma akka keennaa ture, akka Roobni hin roobne jabeessee kadhate. Biyya lafaa irratti woggaa sadiif ji'a jahaa hin roobne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eliyaas'llee akkuma keenna nama ni ture, garuu roobinni akka hin roobinneef cimssee yeroo kadhatetti, woggaa sadihii fi wolakka'aaf arddii irratti roobinni woyiituu hin roobinne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Eliyaas namuma akka keennaatiiyyu; akka bokkeenni hin roonne yennaa jabeesse daadimate, woggaa sadii fi ji'a jaa lafa sanitti bokkeenni hin roonne.