James 5:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Caqasa'a! Worra fichaa keessan haamaa ooleef mindaan isin kaffaluu dhaddane isin irratti iyyiisatti jira; Goottaan waan mara dande'u iyyansa isaanii dhage'eera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani worra oobru isanii hojatu hori imbaamne. Aka worri isani himatu ch'aqasa! Booti worra mid'aani keesani galchu, la gurra Waaqa Aabbo gudda geete!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isan warra oobruu isanii hojjatuu horii hinbaamne. Akka warrii isan himatu caqasaa! Bootti warra midhaan keessan galchuu, la gurra Waaqaa Aabbo guddaa geette!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mindaan isin worra midhaan keessan haaman dhooggattan sun hin iyya; iyyi worra midhaan keessan haamanii gurra Gooftaa banii maraa seeneera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Mindaan isin worra midhaan keessan haaman dhooggattan sun hin iyya, iyyi worra midhaan keessan haamanii gurra Gooftaa banii maraa seeneera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Haa ta'u malee qonna keessan keessa haama'aa hojjattoota oolaniif gatii isaanii waan hin kafaliniif kunoo, qooniqqi mormi'ii ka iyyaanssa isaanii ni dhagayama, iyyaanssa worra callaa sasaabddotaa'llee, Gooftaan hooma'aa dhagayee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Caqasa'a! Worra fichaa keessan haamaa ooleef mindaan isin kaffaluu dhaddane isin irratti iyyiisatti jira; Goottaan Waan Mara Dade iyyansa isaanii dhage'eera.