James 5:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Obboleeyyan tiyya! Haga Goottaan deebi'ee dhufutti ossadha'a. Qonnaan bulaan tokko haga latti isaa bokkeya matoomaatii fi eege'ee dhaggattutti ossataa, midhaan gatii-qabeessa fichaan isaa kennu, akka inni eegatu ilaala'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Obsaa, oboleyaani tiyya, haga Aabbooni d'ufuuti. Aka abbaani oobru haga mid'aani isaa dansaani bahaniti eegatu, ilaala. Bokaya gannatiifi ka hagayale obse eegata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Obboleeyyaan tiyya, haga Aabboon dhufuutti obsaa! Akka abbaan oobruu haga midhaan isaa dansaan ba'aanitti eegatu, laalaa. Bokkaa gannaa hagayyaallee obseetti eegataa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eegasuu obboleeyyan tiyya! haga Gooftaan dhufuuf obsaa'a. Qonnaan bulaan haga rooba duraatii fi ka maayessaa argatuuf obsa'aa daraaraa lafaa kabajjamaa eeggata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eegasuu obboleeyyan tiyya, haga Gooftaan dhufuuf obsaa'a. Qotee bulaan haga rooba duraatiif ka maayessaa argatuuf obsa'aa daraaraa lafaa kabajjamaa eeggata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa obboleeyyan! eegaa Gooftaan haga dhufutti obissaan eegaa, qotee bulaan laftti isaa rooba jalqabaatii fi maa'ii haga argatutti akkuma obissa'aa, gatii guddaa ka qabu firii lafa isaa ni eeggata.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleeyyan tiyya! Haga Goottaan deebi'ee dhufutti ossadha'a. Qonnaan bulaan tokko haga latti isaa bokkeya matoomaatii fi eege'ee dhaggattutti ossataa, midhaan gatii-qabeessa fichaan isaa kennu, akka inni eegatu ilaala'a.