Jeremiah 10:14 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan kana arginaani nami mame, daalle woma imbeenne ufi sehe. Nami waaqa harkaani boch'atu ufumaa ch'eera, wonti akanatiifi waaqi inni mid'aasu sunini woma d'araati, lubbu inqabu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan maruu gowwootaa fi worra beekkumsa hin qabne ta'an; fakiiwwan isaan hojjatan ka sobaatii fi ka jireenna hin qabne waan ta'aniif worri waaqa tolfamaa sanniin hojjatan maruu ufumaa itti saalfatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan martinuu worra daalle'ee fi worra beekkumsa hin qanne; worri worqii baqisiisu marti waaqota dharaa ka hujane sanitti fokkifataneeran. Fakkiin isaan hujane ta dharaa ti; hafuuralle hin qaddu.