Jeremiah 10:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqa worri kad'atu suni qarsi Tarshishi baateeni ch'okhani worqi Ufazi baateeni barreesani, ch'ufti waan hogeesi harka ufitini tolche; woya diimtufi woya bule diimtu hogeeyini d'oofte iti naqani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Fakiin waaqa tolfamaa isaanii meetii tumame ka biyya Tarsesiitii dhufee fi worqii biyya Ufaaziitii argameen maxxanfameera; ogeeyyi'itu hojjatee midhaasse; uffata worri jirbii fooyan dhayaniin diimaa dhiilge'ee fi diimaa limmisa'aan uwwifameera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqoti dharaa ka isaanii kun hujii harka namaa ti; isaan meetii qulqulluu biyya Tarshiishiitii dhuttuu fi worqii biyya Ufaaziitii dhuttu irraa hujamane; woyaan bifa cuquliisaatii fi dhiilleen isaan uffatanu marti hujii worra ogeeyyi'ii ti.