Jeremiah 11:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi waan jed'u, Gumiini anini jaalad'u ya waan hamtu taate. D'ugaani worri Mana kiyyaani seenu tami? Worri waan kakhu woi kakhate sorio baaseefi waan kara suni badi jalaa bahu ufi seha? Wonti sunini worra ingammachifti?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi banii Yihuuda'aatitti akka ani akkana isaaniin jedhu natti hime, «Isin banii ani jaaladhu; garuu waan hamaa akkanaa kanniin godha'aa mana woyyuu kiyya keessatti argamuu isin hin barbaachisu; ciincaan hori'ii ka isin naa dhiyeessitanillee badii jalaa isin hin baasu; kanaafuu isin mana woyyuu kiyya keessatti gammaduu dhiisaa'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Isin kolbaan Yihuda'aa ta ani jaaladhu, worra hedduu woliin waan hantuu hujaa, Galma kiyya keessaa maan qaddan? Foon woyyichi ciinca'aaf dhikaatu, adabbii isin dhaqqaddu irraa isin hin hamburaa ree? Tana hujaa hin gammaddanii ree?