Jeremiah 11:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wold'aqisa kunini ka anini duri ababoota teesani woliini tolfad'e, gaafa anini worra lafa Misiri, ta ibida bobau worrati fakaatu, keesaa baase. Anini gaafasi waan worraani jed'e, Na ch'aqasa, waan anini isaniini jed'u ch'ufa guuta; duuba isani nama kiyya taatani, aninileeni Waaqa keesani taha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waadaan kun waadaa ani abboota isaanii ta duriitii biyya Misirii ta akka gaamsee ibiddaa isaanitti taate keessaa hennaa isaan baasu isaanii kenne; akka naa ajajamanii fi waan ani isaaniin jedhe maraa akka raawwataniif isaanitti hime; yoo ka naa ajajamanii isaan banii kiyya akka ta'anii fi anillee akka Waaqa isaanii ta'u isaanii ibse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani abbootii teessan biyya Gibxi'ii ta akka addee sibiila itti baqsiisanuu keessaa yennaa baase, naaf ajajama'aatii, waan ani isin ajaje mara godha'a; tana yoo gootane kolbaa tiyya hin teetan; anille Waaqa keessan hin te'a.