Jeremiah 11:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo isani akasi taatani, anini kakhu duri ababoota teesani kakhad'e guute, lafa aananifi dammi aka lola yau kennaafi lafa amma isani keesa teetani tana. Jennaani anini, Ee AABBO Waaqa, Ha taatu jed'eeni.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yoo kana ta'e biyya dureettii aannanii fi damma baaftu ta amma irra jiraatan tana hennaa abboota isaanii ta duriitii kenne waadaa gale san isaanii raawwadha.» Anillee «Maarre Gooftaa kiyya!» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba ani lafa aananii fi dammaa ta abbootii teessan duriitiif kenniisaaf waadaa gale, ta amma qabattaneertanu tana isiniif hin kenna› akka jedhe itti himi» jedhe. Anille deebisee, «Ameen, Mootii Waan Maraa» jedhe.