Jeremiah 12:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo AABBO Waaqa, atini na beeta, waan anini tolchufi aka anini si jaalad'u inagarta. Worra hamama kana aka hooliye qalmaa geesani hirkisi, haga worra qaqalaniti qorqorad'u.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yaa Rabbi! ati garuu na beetta; yaada ani sii qabu argitee na qorta; namoota hammeeyyii kanniin akka hoolota qalmaaf oofaniititti isaan fuudhii haga guyyaa isaan qalamaniititti fooyii isaan tursiis.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ee Mootii Waan Maraa! Ati ammoo na hin beetta; na hin dhaggitalle'e; yaada ani si'iif qabu hin qorqorta. Worra hamoolee kana akka hoolee qalmaaf oofanuu, isaan harkisii baasiitii, guyyaa qalmaatiif adda baasi.